jump to navigation

Oromia (WBO): Gootichi WBO Godina Bahaa loltoota diinaa 12 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera. January 11, 2016

Posted by OromianEconomist in Uncategorized.
Tags: , , ,
trackback

Odaa Oromoosbofb367-alaabaanew

 

(SBO – AMAJJII 11,2016) Baha Oromiyaa Godina Lixa Harargee keessatti loltootni wayyaanee Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) dura dhaabbachuuf bobbaafaman WBOn haleelaman. Gaafatamaan Miliishaa Ona Gammachiisis Ajjeefame.

Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 07 fi 08,2016 Lixa Harargee Ona Daaroo Labuu fi Ona Gammachiis keessatti tarkaanfii fudhateen Ajajaa milishaa dabalatee loltoota diinaa 12 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.

Haaluma kanaan WBOn Godina Bahaa Amajjii 07,2016 Lixa Harargee Ona Daaroo-Labuu bakka Xuxxis-Fardaa jedhamutti humna diinaa kan Fincila Xumura Gabrummaa ummatnii fi barattootni gamtaan geggeessaa jiran dura akka dhaabbatuuf naannichatti bobbaafame haleeluun 6 ajjeesee, 5 ol ammoo madeessuu Ajaji WBO Godina Bahaa hubachiiseera.

WBO Godina Bahaa tarkaanfii isaa itti fufuun Amajjii 08,2016tti lukkee diinaa kan akeeka wayyaanee dirqiin ummata fudhachiisuu irratti bobbahuun miidhaa guddaa ummata irraan gahaa ture gaafatamaa milishaa Ona Gammachiis Abdullee Yuuyyaa jedhamu irratti tarkaanfii fudhateen akka ajjeese Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee beeksiseera.

Comments»

1. Oromia (WBO): Gootichi WBO Godina Bahaa loltoota diinaa 12 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera. | Dhaamsa Ogeettii - January 11, 2016

[…] Source: Oromia (WBO): Gootichi WBO Godina Bahaa loltoota diinaa 12 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Bah… […]


Leave a comment

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.